Abbaaduulaa Gammadaa ilma isaanii waggaa 46 booda argameef qorannoon DNA ‘hin barbaachisu’ jedhan


Abbaaduulaa Gammadaafi ilma isaanii waggaa 46 booda argame

Madda suuraa, Arts TV

Aangawaan duraanii mootummaa Itoophiyaa Obbo Abbaaduulaa Gammadaa ilma isaanii waggootaaf barbaadaa turan waggoota 46 booda argan.

Sagantaa Televizhiinii Arts TV (kan Afaan Amaaraan qophaa’e) irratti gaazexeessaa Darajjee Haayilee amma dura obbo Abbaa Duulaa Keessummaa yeroo godhatee ture Abbaaduulaan mucaa biraa qabaachuufi yoo argeef akka isa badhaasan dubbatanii turan.

Ammas Abbaaduulaa fi ilmi isaanii waggaa 47 qabadheera jedhu kan wal-argan karaa gaazexessaa gameessa Darajjeetiini.

Abbaaduulaan ”yeroo dheeraa booda tasa yeroo natti bilbiltu qoosaaf akka hin taane naa galee ture” jechuun gaaxezessaa Darajjeetti himu.

Gaazexessaa Darajjee jalqaba bilbilaan ilmi isaanii argamuu yeroo itti himu Abbaaduulaa kolfa dheeraa kolfuu isaanii himee, miirri kolfaa sun maal akka agarsiisu gaafate.

”Kitaaba koo keessattis barreesseera waan ta’eef gaaf tokko wanti kun akka ta’u waanin beekuuf yeroon isaa dhufuutti na dinqeetun kolfe” jechuun deebisu.

Kitaabni aangawaa duraanii ”Imala Milkii Waggoota 60” jedhu akkasumas Afaan Amaaraan ”Silsaa Ametaat” ALI bara 2011 eebbifame.

Kitaaba kana irratti mata duree ”Bareedduufi Jaalala” jedhuun seenaa jaalala isaanii bara dardarummaa kana ibsa.

Ilma Abbaa Duulaa haadha isaa ”Bareedduu” jedhamtee ibsamteerraa kan dhalatu ta’uu himuun kan dhiyaate obbo Ermiyaasa jedhama. Nama ganna 47’ti.

Ermiyaas ijoollummaa isaarraa eegalee abbaan warraa harmee isaatii abbaa isaa sirrii akka hin taane beekuun abbaa isaa dhugaa beekuuf odeeffachaa akka ture hime.

Wayita ilmi isaanii argamuu bilbilaan itti himamu maatii isaanii waliin akka turan, haasaa bilbilaa adda kutanii maatii wajjin atattamaan ilma isaanii kana arguuf maatii guutuun guyyaa akka mures yaadatu Abbaaduulaa.

”Yeroodhuma san maatiin dhagahe. Hundi keenyayyuu waliin mana waan turreef yoom walhaagarru kan jedhu murteessine. Kibxata siin jenne.”

”Obboleessa argatanii moo! Hunduu gammadanii ture. Manni guutuun kolfaan guute” jechuun maatii isaanii keessatti hangafni haaraa argamuttii gammachuu dhalate ibsan.

Abbaa Duulaafi ilmi isaanii hangafaa Eermiyaas jalqaba kan ijaan wal-argan Faawundeeshinii Dibooraa, kan Abbaaduulaa hundeessan keessatti.

”Qaamaan dhufee gaafa wal-agarru baay’een gammade…gammachuu koo qofa osoo hin taane bakka nama abbaasaa barbaadaa jiraate dhaabattee gaafa ilaaltummoo baayyee nama gammachiisa” jechuun jalqaba yeroo argan kolfaan gammachuu ibsachuu dubbatan.

Haati warraa obbo Abbaaduulaa Aadde Raaheel battala Ermiyaasiin argan ”kunimmaa kan isaati” jechuu gaazexessaa Darajjee ni yaadata.

”Yeroo hundumaa nutti hima ture. Kanaaf argamuu isaatti baayyee gammadne. Yeroon isa (Eermiyaas) arguu isuma jedheen tilmaame isumadhas. Miira isaas waanin hubadhuuf gammachuun simadhe” jedhu Aadde Raaheel.

Ijoolleen Abbaaduulaa fi Aadde Raahel obboleessa hangafaa argachuu isaaniitti gammachuu qabaachuu himaniiru.

Mucaan dubaraa Beekiin ”hunda keenya caalayyuu isatu isa (Abbaaduulaa) fakkaata” jetti.

Abbaaduulaa Ermiyaas ilma isaanii isa sirrii ta’uun akka mirkanaa’u gaaffii qorannoon DNA akka gaggeefamu gaazexessaa Darajjee dhiyeesse hin fudhanne.

Qorannoon DNA qorannoo saayinsawaa hidda sanyii nama tokko baruuf gargaarudha.

”Kuni yeroo isaatti wanta dhufedha, na fakkaata. DNA barri fide caalaa aadaa keenya isa duriitu wayya waan ta’eef. Kanaaf na hin barbaachifne fuuldurattis na hin barbaachisu.”

Beekiinis murteen qorannoo qaccee sanyii DNA hin barbaachisu jedhu jalqaba kan dhufe harmee isaaniirraa ta’uu himuun maatiin itti waliigaluu dubbatte.

Ijjoolleen Abbaa duulaa hunduu ilma isaanii duraa Gammachiis irraa qabee maqaa afaan Oromoo qabu. Maqaan Ermiyaas itti fufa moo ni jijjiirama gaaffii jedhu gaazexessaa Darajjee dhiyeesse.

”Lakki hin jijjiirru umrii isaa guutuu maqaa ittiin jiraatedha. Maqaa bareedaadha. Inni yoo barbaade jijjiirrachuu danda’aa” jedhan Abbaaduulaa.

Obbolaan ammoo tarii maqaa manatti itti waaman akka itti moggaasuu fedhan dubbatan.

Eermiyaas Taklamaariyaam eenyu?

Ibsa waa’ee suuraa,

Kitaaba Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa

Amma maatii nama siyaasaa gameessa Abbaaduulaa Gammadaa keessatti ilmi hangafaa Gammachiis ture Eermiyaas ta’eera.

Sagantaa tv kana irratti Ermiyaas maqaan isaa guutuun Ermiyaas Taklamaariyaam akka jedhamu, Taklamaariyaam maqaa abbaa biddeenaa isaa akka ta’e dubbateera.

Ermiyaas amma nama ganna 47 ta’uufi gaa’ila ijaarratee abbaa ijoollee lamaa ta’uus hime.

Waayee abbaa isaa kan iyyaafachuu jalqabee ijoollee waggaa 13 ta’ee akka ta’e dubbateera.

”Umrii 12, 13 irraa eegaleen Taklamaariyaam abbaa koo na dhalche akka hin taane baree kaniin gaafachuu eegale.

”Haadha koos abbaan koo eenyu jedhee nan gaafadha ture” kan jedhu obbo Ermiyaas deebii gahaa akka hin arganne dubbata.

”Seenaa ijoollummaati anis hedduu hin beeku. Kana jedhee wantin yaadadhu hin jiru deebii jedhu naa kenniti.”

Abbaaduulaa abbaa isaa ta’uu akka danda’an kan tilmaamee qorachuu eegale sagantaa amma dura Abbaaduulaa gaazexessaa Darajjee wajjiin dhiyaatanii seenaa durii haasaniin ta’uus obbo Ermiyaas ni hima.

”Harmeen koo seenaa nama biraa gootee wanti natti himaa turteefi wanti isin haasa’aa turtan walitti dhufee jennaan Abbaaduulaa abbaakooti jedheen haadha warraa koottuu dubbachaan ture.”

Kitaaba Abbaaduulaa barreessan barbaadee dubbisuu achiis booda walfakkeenya isaanii hubachuu akka eegale sana booda gaazexeessaa Darajjee arguus dubbate.

Abbaa isaan wal-arguu booda hiriyyoonni isaa osoo inni eenyummaa abbaa isaa itti hin himuun Abbaaduulaadha jechuuni kan himu namni kun ”akkamitti of ilaatee shakkuu dadhabde” kan ittiin jedhan jiraachuus hime.

Amma harmeen isaa dhibamanii obboleettiisaa bira jiraachuu kan himu Ermiyaas ”abbaa kee argachuu keetti sii gammadeera” ittiin jechuu dubbateera.

Abbaan isaa Abbaaduulaa ta’ee argamuus itti himuu dubbateera.

Hamma Abbaaduulaan wa’arguttii miira ariifannaa keessa kan ture Ermiyaas yeroon isaa gahee waajjira Abbaaduulaa yeroo gahan ”gaaffiin barootaa kun dhuguma deebii argachuufi?” miira jedhuun jeeqamee akka ture himeera.

”Yeroon isa argu baayyeen gammade. Keessa koottii dhibbeentaa 100 isa jedhee amaneen dhufe.”

Ijoolleen Abbaaduulaa sadii gaa’ila godhatanii ilmaanis horaniiru. Ijoolleen isaas maatii Abbaaduulaan akka walfakkaatni ilmaan isaanii dubbatu.

Bareedduun eenyu?

Abbaaduulaa kitaaba isaanii keessatti jaalalli jalqabaa isaanii dubartii magaalaa Asaasaatti keessummaa taatee argatan maqaa Bareedduu jedhu itti moggaasan irraa akka ta’e ibsaniiru.

Bareedduun dubartii kutaa 10 barattu magaalaa Hawaasaarraa dhufte akka taate ibsan.

Abbaaduulaa talaallii baadiyyaatti raabsuuf torban guutuu fardaan marmaaraa gara Sanbattan irraa yeroo magaala Asaasaatti deebi’anii hiriyyoota waliin bashannan Bareedduu arguu barreessan.

”Guyyaatti yeroo afuriifi shan wal-arguu eegalle jaalala dardarummaa guddoo keessa galle” jedhanii barreessan.

Booda Bareedduu mucaan garaatti hafe. Maatiifi firoota dhoksanii Bareedduu achuma akka turtu ta’us, booda jalaa badde, achi buuteen ishee dhabame.

Abbaaduulaa ishee barbaacha Hawaasaafi Shaashamannee naannoo sanis torbanootaaf barbaadanii dhaban.

Mucaan isaanii dhiira haata’uu dubara, lubbuun jiramoo hin jiruus hin beekne.

”Guyyoota muraasa booda, yeroon achii deemuu ishee dhaga’u lafatu naan cite… Akkan dhaqee mana isheen turte hin gaafanneef nan sodaadhe,” jedhan kitaaba barreessan keessa.

Sababa kanatti aangawaan duraanii kuni ilma isaanii jalqabaa Gammachiisiif maqaa Bareedduu jedhu moggaasan.

Obbo Abbaa Duulaan kana dura Pirezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Ministeera Ittisaa, Af-yaa’ii Paarlaamaa, Gorsaa Nageenyaa MM Abiy Ahimad ta’un dabalatee tajaajilaniiru.



Source link

Leave a Comment